У нас вы можете посмотреть бесплатно Seenaa Indaastirii Turiizimii jaarraa 19ffaa asitti...! или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Indaastiriin Turizimii jaarraa 19’ffaa keessa nama hojii biizinzsiin beekamu lammii Biriiten Toomaas Kuuk nama jedhamuun akka eegale himama.Toomaas Kuuk Bara 1855 ‘Paakeejii Daawwannaa Biyyaan Alaa’ jedhu qopheessee, daawwannaa isa jalqabaa jedhamee moggaafama. Indaastiriin kunis achumaa jalqabe. Indaastiriin Turizimii taatee hawaasummaa, aadaa fi diinagdee of keessaa qaba.Turizimiin carraa Hojii uuma, dinagdee cimsa, misooma bu’uuraaf ni gumaacha, hiyyummaa xiqqeessuuf humna qaba. Turizimiin carraa diinagdee adda addaafi gabaas ni uuma.Guddina hawaas-dinagdee biyyoota addunyaa hedduu keessatti gumaacha olaana qaba. Haa ta’u malee, gumaachi turizimii hiyyummaa xiqqeessuuf qabu biyyoota guddachaa jiran keessatti hamma barbaadame hin cimne. Sababni isaa biyyootni guddatan fedhiin damee turizimii to’achuu waan qabaniifi jedhama. Turizimiin akka sochii dinagdee tokkootti biyyoota guddachaa jiran keessatti waanuma barame yoo ta’u, kallattiinis ta’e al-kallattiin jireenya harka qalleeyyii irratti dhiibbaa uumuu danda’a.Al-tokko tokko tuurizimiin akka waliigalaatti akka mala hiyyummaa hir’isuuf osoo hin taane akka motora guddina dinagdeettis ni ilaalama. Akka ragaaleen agarsiisanitti, Biyyoota guddachaa jiran keessatti damee turizimiif xiyyeeffannaan barbaadamu kennamuu dhabuu isaan indaastirii turiizimii keessatti qeeqni ni baay’ata. Misooma turizimii bifa adda addaatiin bocamee addunyaan itti fayyadamaa jirti. isaanis Turizimii Baadiyyaa, Turizimii Hawaasaa, Turizimii Hiyyeeyyii Deeggeru, Ikoo-Turizimiifi Misooma Turizimii Karaa Dhaabbilee Xixiqqaa fi Giddu Galeessaa jedhamee beekama.Itiyoophiyaanis kanneen Ikkoo Turizimii irratti hojjechuun damichi akka dammaqu dhiheenya gochuu eegaltedha. Indaastiriin kun Bara 2019’tti GDP Addunyaaf doolaara Ameerikaa tiriliyoona 9 caalu gumaachee ture. Ragaan baankii Addunyaa akka eerutti, Addunyaa irratti Indaastiriin Turizimii waggaatti tajaajila turizimii miiliyoona 500’tti dhiyaatu kennuun doolaara biiliyoona dhibbaan lakka’amu argamsiisa. Ragaan kun turizimiin addunyaa guutuutti namoota miliyoona 100 caalaaniif carraa hojii uumeeraas jedha. Bara 2022’tti dameen indaastirii turizimii GDP addunyaaf doolaara Ameerikaa tiriliyoona 7.7 gumaacheera.Bara 2023’tti ammoo walii galaan doolaara tiriliyoona 9.5 akka gumaachuu danda’u tilmaameera.Jaarraa 19ffaa Bara Mootii Minilik 2ffaan Itiyoophiyaa bulchaa ture keessa yaa’insi daawwattootaa/turistootaa gara biyyattiitti akka jalqabame ragaaleen ni agarsiisu. Iddoowwan daawwatamanis siidaawwan nam-tolchee abboonni durii hojjetan qofarratti kan daanga’e ture.Ergasii waggaa waggaadhaan fedhiin daawwattootaa Itiyoophiyaa seenuuf qaban dabalaa dhufe. Kanumarraa ka’uun xiyyeeffannoon damichaaf kennamee bara kudha sagal jaatamoota keessa akka sochii diinagdee tokkotti xiyyeeffannoon malu kennameefi ture. Haala kanaan Itiyoophiyaa keessatti hojiin turizimii ammayyaa’aa dhufe. Bara 1961 dhaabbanni turizimii yeroo jalqabaaf hundaa’uun, bara 1962 ammoo mootummaan Itiyophiyaa yeroo sanaa damicha misoomsuuf dureeyyii hirmaachisuu kan danda’u labsii Turiizimii baase ture. Labsiin Indaastirii Turizimii ba’us misoomni bu’uuraa damee kana saffisiisuu danda’an ammoo hin turre, kana furuuf mootummaan hoteelotaafi dhaabbilee tajaajila kennan ijaaruu irratti xiyyeeffate. Achii ka’eet turiizimiin saffisaan babal’achaa dhufe. Baankiin Addunyaa bara 2030’tti misooma Turizimii itti fufaa galmaan ga’uuf utubaawwan shan adda baaseera. Isaanis 1Guddina Diinagdee Itti fufsiisuu, 2 Carraa Hojii Uumuu, 3Qabeenya Uumamaa Kunuunsuu, 4 Duudhaaleefi Hambaalee Tursiisuu fi 5 Nageenya mirkaneessuudha. Akka ragaaleen agarsiisanitti biyyoonni Ameerikaa, Awurooppaafi Eeshiyaa damee kanaan milkaa’aniiru. Faakkeenyaaf Firaansi waggaatti daawwattoota miiliyoona 75 caaluun daawwatamuun Addunyaa irraa wiirtuu turizimii jedhamteetti. Kunimmoo guddinni indaastirii Turizimii biyyattiin qabdu dagaaguu isaa mul’iseera. Yeroo misoomni turiizimii bal’ataa adeemu dhiibbawwan miidhaa fiduu malan, Harka qalleeyyiin ikkoo turizimii keessatti argaman lafti isaanii irraa fudhatamuu, Aadaa nam-fakkii hawaasa hin barbaachifne wal jijjiiruu fi Tarkaanfiin barbaachisaan yoo hin fudhatamne manca’iinsa naannoo dhufuu danda’iu Jireenya harka qalleeyyii irratti dhiibbaan akka hin uumamne, aadaan akka hin badnee fi qabeenyi naannoo akka hin mancaanee, akkasumas bu’aa gaarii fiduuf imaammataa fi tarsiimoon misooma turizimii sirrii ta’e diriiruu qaba.