У нас вы можете посмотреть бесплатно Wangeela dhugaa jireenyaaf или скачать в максимальном доступном качестве, которое было загружено на ютуб. Для скачивания выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Barnoota wangeela Waxabajjii 21 Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Addaami fi sanyii isaa fayyisuuf waggoota 5500 booddee akka dhala dhala isaa irraa dhalate isa fayyisu akkuma waadaa isaa galeen barichi murame ennaa gahu,Gooftaan durbroo Maariyam irraa nama ta`ee dhalatee,cuuphamee gara kawaala qoronxoos deemee guuyyaa 40 fi halkan 40 soome.Erga sooma isaa raawwates barsiisu fi ajaa`ba gara garaa gochuu eegale.Namoonis barumsa isaa dhagahanii ajaaiba inni raawwtau arganii duuka bu`an.Duuka bu`oota 12 filatee of duuka buuse.waggaa sadii fi ji`a jaha lafa kanarra deddeebi`ee barsiise.Guyyaa kamisaa iccitii Qurbaana duuka bu`ootaf ibsee,guyyaa Jimaataa fannifamee dhiiga isaa dhangalaase foon isaa lolaasee fannifamee,lubbuu isaa dabarsee kenne.Erga du`ees guyyaa sadiifi halkan sadi booda du`a moo`ee ka’e.Guyyaa afurtammaaffattis ol bahe,guyyaa shantamaffatati Afuura qulqulluu duuka bu`ootaf erge.yeroo kanatti sodaattu kan turan afuura waaqayyon jajjabina argatanii duuka bu`oonni addunyaa irratti kallattii gara garaan bittimfamanii wangeela barsiisuu eegalan.Akka ammaa kanatti Taabota ykn mana Waqaayyoo yookan ammo meeshalee qulqullaa`oo isaan hin barbaachifne,isaan kan ga`uumsa Afuura qaban waan ta`aniif,biyyuma gahan gahanitti qaddasanii uummataaf qurbaana kennu ture. Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyatti waggaa afraffaa du`aa ka`uumsa qulqulleettii dubroo Maariyaamitti qulqulluu Phaawuloos fi Baarnaabaas Filiphisiyuus galanii erga barsiisanii uummatas cuuphanii booda ummaticha amaneen `galma xaa`otaa hin deeminaa` jedhaniin. Uummatichis egaa mana xaa`otaa hin deeminaa jettanii mana kadhannaa nuuf ijaaraa jedhanii debisaniif. Yeroo kana duuka bu`oonni lamaan kun dhimma kanaaf furmaatni akka kennamu gara qulqulluu Pheexiroosi fi Yohaannisitti ergaa barreessan .Qulqulluu Pheexirossi fi Yohaannisis `fedha fi heyyama Gooftaa malee homtuu raawwachu hin qabu sinis kadhadhaa nus ni kadhanna` jedhanii deebisaniif. Kadhanna subaa`ee isaanii booda fedha Gooftaa ta`ee Gooftaan kan lubbuun taran jannataa, kan lubbuun jiran bakka jiran irraa tajaajiltoota Filiphisiyuusitti walitti qabe. Qulqulluu Yohannisis Gooftaan `maaliif walitti nu qabde` jedhee gaafate.Gooftaanis “daangaa lafaa hanga daangaa lafaatti gamoon mana kiristaanaa akka ijaaramtuuf fedha kooti,haala ijaarsa ishees isin barsiisuf” jedhee deebiseef. Haala ijaarsa ishees erga barsiisee booda dhagaawwan gurguddoo addaan faffaca`anii argaman sadi walitti hiiksee dheerina fi dagalee ishee murteessee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Kunis Waxabajjii 20 ture. Borumtaa isaatti, Waxabajjii 21tti ammoo haadha keenya akka Taabotaatti,duuka bu`oota ammoo tajaajiltoota gargaartota taasisee, Gooftaan keenya ofiisaatii Luba hangafa ta`ee,Qulqulluu Pheexiroosis luba gargaaraa ta`ee, qulqulluu Isxifaanos Daaqonii jalqabaa ta`ee, guyyaa sanatti hibistii samiitti fi xoofoo samiitti qophaa`een sirna galatoo gaggeessee qorrobsiiseera.Manni kiristaanichaas maqaa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiin mogga`e ture. Bara sanatti Mukiraaba Yihudotaatu ture malee gamoon mana kiristaanaa hin turre. Duuka bu`oonnis kadhannaadhaaf mana haadha Maarqoos mana Maariyaamitti walitti qabamu turan malee mana kiristaanaa hin qaban ture. Egaa Gooftaan rakkina isaanii kana argee gamoo mana kiristaanaa jalqabaa ijaareef. Yeroo sanarraa eegalee manni kiristaanaa gamoowwan gara garaa seena qabeessa ta`an, addunyaa irratti kallattii hundaanuu hundeeffamaniiru. Gamoon mana kiristaanaa mana kiristaanonni keessatti walitti qabamuudhaan sirnoota gara garaa keessatti raawwatanidha. Sirna kadhannaa, foon fi dhiigaa gooftaa fudhachuu, barumsa fi kan kana fakkaatan mana kiristaanaa keessatti raawwatama. Waaqayyoofis kennaa, balchaa, wareega, kurnoo fi angafoo kan itti galchanidha. Manni kiristaanaa iddoo foon fi dhiigni Gooftaa itti kutamu iddoo Dhiigni isaas itti dhangala`u waan ta`eef manatti kadhachurra achi deemanii kadhachuutu caala(Maat 26: 27). Kuni dhiiga koo waa`ee keessaniif yeroo hunduma dhangala`udha akkuma jedhu, bakki itti dhiigni kun dhangala`u ammoo mana kiristaanaatti. Akkasuma qulqulluu Yohaannis muldhata isaarratti ka`iitii mana qulqullummaa Waaqayyoo fi iddoo aarsan itti dhiyaatu fi bakka itti sagadan safari naan jedhe jedha (Mul 11.1).Qulqulluu Daawitis gara mana Waaqayyo deemna yoon naan jedhan nan gammade kan jedhu mana kiristaanaa ibsuufi (Far 121.1). Aarsaa Waaqayyoof dhiyaatu hundumas bakka garaa keenyatti akka hin dhiyeessine Waaqayyo akeekkachiiseera(Keessa Deebii 12:13) Baga geessan. Araarsummaan haadha keenyaa hunduma keenya waliin haa ta'u//