У нас вы можете посмотреть бесплатно Biiroon Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Oromiyaa или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Biiroon Carraa Hojii Uumuu Fi Ogummaa Oromiyaa Koollejjoonni Ergama Isaanii Ijoo Kan Tahe Hojii Baruuf Barsiisuutiin Lammiilee Ogummaan Gahooman baay;ínaan Horachuun Cinaatti Bara 2016 Innisheetiivii 'Koollejji Intarpiraayizii' Jedhuun ,Koollejjoonni Kalaqa fi hojiilee kanneen biroo Galii Keessoo Guddisu Irratti Xiyyeeffannaan Akka Hojjataniif Deeggarsaa Fi Hordoffii Barbaachisu Koollejjootaaf Kennuurratti Argama. Kanuma hojii qabatamaan mudhisuuf Koollejjoonni Galii Keessoo Guddifachuuf Teeknoolojiiwwan Adda Addaa Kalaqanii Hawaasa Naannoo fi waldaalee Intarpiraayizii maaykiroofii xixiqqaa’f Gatii Fooyya'aan Dhiheessuu Fi Qonna Magaalaatiin Lafa Qaban Irratti oomisha garagaraa Oomishuun Galii Keessaa dabaluurratti Argamu. Koolleejjiin poolii teeknikaa atileet qabnaniisaa baqqalaa ergamasaa ijookan tahe dhaloota ogummaan gahoomsurratti muummeewwan barnootaa kanneen akka : Koollejjichi Humna Nama Baratee Ogummaan Gahoome Horachuurratti Hojii Hojjateen Teeknoolojiiwwan Garaagaraa Kalaquurratti Argama. Leenjiftoonni Koollejjichaas Yeroo Gara Yerootti Teeknoolojiiwwan Haaraa Kalaqaa Jiru.up Leenjifamtoonni Koollejjichaas Koollejjii Kana Keessatti Argataniin Teeknoolojii Kalaquun Hawaasa Naannoofi Waldaalee Intarpiraayizii maaykiroofii xixiqqaa’f Dhiheessaa Jiru. Andu'aalam Asaffaa Leenjifamaa Muummee Elektirikaal Elektirooniksii Fi Kaadaastiraal Sarveeyingii Yoo Tahu Teknoolojii Killee lukkuu Hammachuun Yeroo Tokkotti Cuucii Lukkuu 1,200 Ol Yaasuu Danda'u kalaquun Koollejjichi Gatii Madaalawaan waldaalee Intarpiraayizii maaykiroofii xixiqqaa’f Dhiyeessaa Jira. Koollejjichi Galii Keessoo Guddisuuf Bara Darbe Ka’umsaaf Waan Tahu Qamadii Hektaara Sadi Facaasuun Waan Fayyadamaniif ,Bara Kana Qamadii Dabalatee Innisheetiiviiwwan Horsiisa Loon Aannanii,Horsiisa Lukkuu Fi Moosee Dabalatee Hojiiwwan Biroos Babaldhisuun Kan Bara Darbee Caalaa Fayyadamaa Jiru. Oomishaaleen Koollejjicha Keessatti Oomishaman Kunneenis Gatii Madaalawaan Hawaasaaf Dhiyaachuun ,Qaala'iinsa Gatii Oomisha Qonnaa Hirdhisaa Jiru. Barsiisaan Waliyyii Beennaa Leenjisaa Muummee Manufaakchariingiiti,Koollejjiin Poolii Teeknikaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa Leenjifamtoota Ogummaan Gahoosaa Jiraachuu Himu. Koollejjichi Akka Kanaan Duraa Teeknoolojiiwwan Barbaade Kalaqee Of Biratti Hambisee Leenjiif Qofa Kan Fayyadamu Osoo Hin Taane,Bara Kana Fedhii IMX'lee Irratti Hundaa'uun Teeknoolojiiwwan Rakkoo Hawaasaa Furan Kalaquun Imx 'F Dhiyeessaa Jira.