У нас вы можете посмотреть бесплатно Haacaaluu Hundeessaa waltajjii isa jalqabaa" (Oromo Music 2001_2021) или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
"Waltajjii Artsit Haacaaluu Hundeessaa isa jalqabaa" Hawwisoon Keelloo bara 2001 (bara 1993 A.L.Atti), waggaa 20n dura nama dhuunfaa (Bakkaanga'aa Margaa tiin) magaalaa Amboo keessatti hundeeffame. Artist Haacaaluu Hundeessaa Hawwisoo Keelloo tti makamuu dhaan leenjii fi shaakkaltii gahaa taasise. Haaluma kanaan waggaa 19n dura, Hawwisoo Keelloo waliin ta'uu dhaan galma guddaa keessa tti yeroo jalqabaa tiif Haacaaluun Uummataaf weelluu vidiyoo kana'rraa mul'atu kana dhiyeesse. Sagantaa Giincii tiin dura (torban tokko ykn torban lama dura) nannawa Salaalee magaalaa Garba Gurraachaa, Hoteela Garba Gurraachaa keessa tti Artsit Haacaaluun Hawwisoo Keelloo waliin ta'uu dhaan sagantaa kabiraa'rra tti qooda fudhatee ture. Haata'u malee sagantichi Hoteela keessatti gara galgalaa wanta gaggeeffameef akkuma sagantaa bashannana xiqqaatti malee akka waltajjii guddaa tti kan lakkawaamu hin turre. Kanaafuu "Artist Haacaaluu Hundeessaa yeroo jalqabaatiif, waltajjii guddaa'rra tti Uummataaf weelluu kan dhiyeesse waggaa 19n dura bara 2001 (A.L.Atti bara 1994) magaalaa Giincii keessa tti" jedhamee waamamuu ni danda'a. Galatoomaa. Bakkaanga'aa Margaa ti.