У нас вы можете посмотреть бесплатно FILISXEEMIIE ISRAAEL WALIIF MAALI? или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Hariiroo Israa’elii fi Falasxiin Hariiroon Israa’elii fi Falasxiin kan jedhu hariiroo siyaasaa, nageenyaa, dinagdee fi kanneen biroo kan Biyya Israa’elii fi Biyya Falasxiin (akkasumas Abbaa Taayitaa Biyyoolessaa Falasxiin isa dura turee fi Dhaabbata Bilisummaa Falasxiin isa duraa) gidduu jiru agarsiisa. Israa’elii fi Dhaabbatni Bilisummaa Falasxiin (PLO) dhuma bara 1980ootaa fi jalqaba bara 1990ootaa keessa waan Adeemsa Nagaa Israa’elii fi Falasxiin jedhamuutti jijjiirame,kunis Waliigaltee Oslo bara 1993tiin kan xumurame yoo ta'u, Falasxiin biyya Arabaa lammaffaa Israa'eliif beekamtii kennite taate. Sana booda yeroo gabaabaa keessatti,Abbaan Taayitaa Biyyoolessaa Falasxiin eega hundeeffamee waggaa 6 booda Israa’el waliin wal-qunnamtii diinagdee fi nageenyaa uummate. yeroo sanatti naannoo guutummaatti ofiin of bulchaa tureedha. Bara 2000tti, hariiroon kun sababaa Intifaadaa Al-Aqsaatiin adda cituu isaatiin walitti bu’iinsi Israa’elii fi Falasxiin saffisaan dabaluu eegale. Haata'u malee,taateewwan kun bara 2005tti boqannaa waan argateef araarri bu'ee dhukaasni dhaabachuu isaatiin naannichatti haga tokko tasgabbiin argamee tureera. Bara 2007tti qoqqoodamuun Abbaa Taayitaa Falasxiin,garee Fatah fi Hamas gidduutti uumameen, Hamas Zoonii gaazaa guutumaan guutuutti to’achuun isaa haalli ture caalaatti walxaxaa akka ta’u godhe. To’annoon Hamas kun Israa’elii fi garee Falasxiin kan Zoonii Gaazaa gidduutti garaa garummaa baldhaan akka uumamu waan godheef dhiyeessii namoomaa muraasaan alatti hariiroon gidduu isaanii ture akka haqamu taasise. Seenaa Walitti bu’iinsa fi adeemsa nageenyaa Israa’elii fi Falasxiin. Dinagdee Bara 2015tti,galiin biyyoolessaa Israa'el nama tokkoof (GDP per capita) doolaara 35,000 ol yoo ta'u, sadarkaan hojii dhabdummaa 5% qofa ture. Israa’el sharafa cimaafi sirna diinagdee gaarii giddu galeessaa bahaa hunda keessatti waan qabduuf mirgi eegumsa qabeenya ishee eeggamaadha. Israa’el miseensa Dhaabbata Walta’iinsa Dinagdee fi Misoomaa (OECD) waan taateef"biyya bizinasii" jedhamtees ni beekamti. Sababa walitti bu’iinsa Israa’elii fi Falasxiiniin, Falasxiin sirna dinagdee of danda’e ijaarachuu hin dandeenye.Keessumattuu, Inveestimentiin alaa kallattiin dhiyaatu tokkollee jiraachuu hin dandeenye. Bara 2019tti, Israa'el Indeksii Misooma Namoomaa (Human Development Index) kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii sadarkaa 189 qabu keessaa isra'eel sadarkaa 19ffaa irratti yoo argamtu, Falasxiin ammoo sadarkaa 115ffaa irratti argamte. Qonnaan alatti, galiin dinagdee guddaan Falasxiin gargaarsa hawaasa idil-addunyaa irraa argamuu fi hojii Falasxiinonni Israa’el yookiin iddoowwan biroo keessatti hojjetan irraayi. Walta’iinsi dinagdee waloo kan qondaaltota Israa’elii fi Falasxiin gidduutti taasifamu waggoottan darban keessatti guddina agarsiiseera. Bara 2008 irraa eegalee, Cisco Systems damee IT Falasxiin kan reefuu jalqabaa jiru sirna naannoo guutuu (holistic ecosystem approach) fayyadamuun kakaasuuf yaalii cimaa gochuu jalqabe; kunis kaappitaalaiventure,iquity dhuunfaa, dandeettii ijaaruu fi kaampaanota Falasxiiniif kallattiin hojii kennuu of keessatti qabata. Kampaaniin kun kaayyoo kanaaf doolaara miliyoona 15 inveestii godhee tureera, akkasumas inveestaroota fi deggartoota idil-addunyaa gurguddoo kanneen akka Microsoft,HP fi Google ofitti harkisteerti. Dameen IT Falasxiin ergasii as guddachaa dhufu isaatiin GDP ishee,bara 2008tti 0.8% irra ture bara2010tti gara 5%tti ol guddate. Daldalli Ejersa Nagaas (Olives of Peace) jedhamu bizinasii waloo Israa’elii fi Falasxiin gidduutti hundeeffamee ture yoota'u,Pirojektii kanaan,Israa’eloonnii fi Falasxiinonni leenjii fi karoora waloo gaggeessaniiru. Zayitiin kun maqaa "Ejersa Nagaa" jedhuun gurguramaa tureera.Onkoloolessa 2009tti,pirojektiin haaraan mootummaadhaan deggaramu kan turizimii fi imala naannoolee lamaan gidduutti jiru jajjabeessuun jalqabame.Yaaliin bizinasii haaraa fi iddoowwan hawwata turistiis Jeniin keessatti jalqabamaniis turan. Naannooleen lamaan kun naannoo industirii waloo daangaa walqabsiisu ijaaruuf karoorfachaas turaniiru.