У нас вы можете посмотреть бесплатно "Intala ilmoo hin dhalle tana hiikii tan biroo fuudhi" - Dhaddacha Jaalalaa 47 или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Namoonni ATM card fayyadamtan buy me a coffee irratti miseensa Nuuralhudaa tahuuf link kana tuqaa. https://buymeacoffee.com/nuuralhudaa/... Namoonni biyyoota Arabaafi Oromiyaa irraa nu gargaaruu feetan Baankii Daldala Ityoophiyaa Lakkofsa herrega Baankii: 1000649659908 Maqaa: Edris Abduro and Mohammedawol Baankii Hijraa Lakkofsa herrega baankii 1007128830001 Maqaan Edris Abduro and Muhammedawol Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Lakkofsa herrega Baankii: 1052300216548 Maqaan Muhammadawol and Edris Abdurroo Lakkofsa Whatsapp: +251954520058 Iyyannoo 92ffaa Qophii babbareedduu nu afeeraa jirtan hunda haalaan irraa gammannee, waan heddu irraa barataa jirra. Kana caalaa cimtanii akka itti fuftan kabajaan isin gaafachaa gama iyyannoo tiyyaatti tarkaanfadha. Ani abbaa warraa kiyya akkaan jaaladha. Innis haalaan na jaalata. Garuu waanuma xiqoo takkaaf yoo aare, dubbii hamtuu natti dubbata. Jechoota fofokkataan na xiqqeessee hamilee na cabsa. Garuu maaliif akkana naan jetta, maaliif na xiqqeessita yoo jedhuun, ati maaliif dubbii jala jala laalta. Ati dubartiidha bar, dhiira of seetaa naan jedha. Ani bar haadha warraa teeti, dubbii natti dubbattu haalaan naaf eeggachuu qabda yoo jedhuun, ee dhugaadha. Wanti an siin jedhe waan fokkataadha. Garuu an wayta haasawu of toohachuu hin dandayu. Dogongoraan dubbii hamtuu sitti dubbadhe. Dhiifama naaf godhi garuu dubbii tiyya jala jala hin laalin naan jedha. Anis hayyee jedhee dhiifama godhaaf. Garuu namni kun osoo dhugaan na jaalatee jechoota fofokkataa akkasii saniin nanxiqqeessu ture. Amma obsa fixadhee jira. akka duraa yeroo inni dhiifama naan jedhu dhiifama hin godhuuf, waan inni natti dubbatus deebisaa hin kennuuf, jalumaa cal jedha. Hedduu hamileen na cabdee gama keessan dhufe. Murtii abbaa murtii obsaan eeggadha. Galatoomaa. Iyyannoo 93ffaa As wr wb. Akkam jirtan qopheessitoota Raadiyoo Nuuralhudaa qophii dhaddacha Jaalalaa, Rabbiin isinirraa haa jaalatu. Qophii faaydaa guddoo qabdu nuuf dhiheessuu keessaniif galatoomaa. Maqaan kiyya M.H Jedhama. Iyyannoon tiyya akka asii gadii kana. Amata 5 dura fuudhe. jaartiin tiyya tun gama bareedina fuulaatii Huuraleynii dachii irra deemtu. Gama haalaa amaalaatiinis nama gaariidha. Hammeenya takkallee isii irraa hin garre. Waggoota shanan dabran kana keessa guyyaa takkallee wal dhabnee hin beeynu. Haalaan na jaalatti. Anis haalaan isii jaaladha. Garuu waan takkatu rakkoo jabduu nutti tahe. Jaartiin tiyya gaariin tun, hormaatarratti rakkoo qabdi. Amma dura yeroo heddu haakima deemnee laallamne. Ani nagaya qaba. Garuu isiin akka rakkoo qabdu nuuf himan. Gama wallaansaatiin hedduu yaalii goonee hin milkooyne. In shaa ALLAAH Rabbiin keenya nuuf kenna jennee isuma kadhachutti jirra. Sababaa kanaafis jaalalti an isiif qabu xiqqoollee hin hir’anne. Garuu maatii kiyya ofirraa dadhabe. Intala garaan goggogaa manatti galchitee qallabuuf fuutee naan jedhan. Haalaan isii jibban. Argaa isiitis hin fedhan. Amata 1 dura maatii kiyya wajji bakka tokko jiraachuu turre. Amma garuu haalli ulfaataa waan taheef, jaartii tiyya fudhee maatii kiyyarraa fagaadhee bakka biroo jira. maatii kiyyaanis wal dhabuu hin barbaadu. Jaartii tiyyas hiikuu hin fedhu. Jaartii 2ffatis fuudhuu hin fedhu. Jiruu ammaa tanarraa gammachuu qaba. Ilmoos taatu in shaa ALLAAH gaafa Rabbiin nuuf kenne ni arganna. Mee maatii kiyya kana naaf gorsaa. Jireenya ilma keessanii hin jeeqinaa naa jedhaan. Silaa ilmoo argadhee numan fedha. Garuu hanga Rabbiin hayyamuuf numan obsa. Sababaa kanaaf jaartiin tiyya gaariin tun hedduu na duraa miidhamte. Ganamaafi galgala kanuma yaaddoyti. Yeroo garaan itti dhufu cufa ni boochi. Inuu yeroo garii ana firraa na galchii jaartii biroo fuudhi naan jetti. Sababaa kiyya maatii keetiin wal hin dhabin naan jetti. Yoo ummaan tiyya dhukkubsattu guyyarraa hoggu 10 dawwaltee na gaafatti. Ummaan akkam taate, haakima geeysitee naan jetti. Garuu ummaan tiyya argaa isii hin feetu. Tanaatu mataa na nyaatee yaaddoon na belbelche. Mee furmaanni kiyya maali? Murtii abbaa murtii obsaanin eegadha. Obboleeytiin teenya farhiyaan yaada kee kan bilchina qabu kan qalbiif dhihana tahuun akka na tasgabbeeysitu abdiin qaba. Usmaan keenyas jechoota gaggaariin maatii kiyya kana naaf gorsi. Hundi keessan galatoomaa. Copyright Notice: Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions. We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.