У нас вы можете посмотреть бесплатно Dorgommii Gugsii Fardaa или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Dorgomiin Gugsii Fardaa Naannawaa Iikoo Turizimii Wancii Dandiitti qophaa'eera. ‘Naannoowwan hawwatoo misoomsuun cinatti Aadaafi duudhaa uummataa beeksisuun hawwata turistii dabalataa akka ta’uuf hojjetamaa jira.’ Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa. Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Feestiivaala guluffii Fardaa Naannawaa Iikoo Turizimii Wancii dandiitti qophaa’erratti argamuun ergaa dabarsaniiru. Dilbii qabeenya uumamaa dagatamee ture misoomsuun hawwattummaan isaa dabalee turistoota hawwachuun dinagdee akka utubuuf cichoominaan irratti hojjetamaa jira jedhan, Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa. Toora xiyyeeffannoo gooroo dinagdee guddisuuf qabaman shan keessas turizimiin isa tokko ta’uu eeruun hojiileen waggoota muraasaan as eegalaman firii buusuu eegaluu himan. Akka fakkeenyaattis Misooma Iikoo turizimii Wancii dandii kaasaniiru. Kana malees iddoowwan hawwata turizimii naannichaa kunuunfamuun sirnaan akka beekamaniif Paarkiiwwan 24 daangeessuufi Mandaroota Iikoo turizimii 18 haaraa adda baasuun irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Naannoowwan hawwatoo misoomsuun cinattis Aadaafi duudhaa uummataa beeksisuun hawwata turistii dabalataa akka ta’aniif hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis Naannawaa Iikoo turizimii Wanciitti guluffiin Fardaa qophaa’e akeektuu ta’uu dubbatan. Feestivaalli guluffii Fardaa kunis kaayyoo lama qaba gootummaa Oromoo mul’isuufi gurra turistootaa harkisuudha. Feestivaalli kunis Naannawa Iikoo Turizimii Wancii Dandii misoomee dhiheenya eebbifametti qophaa’uun iddoo dorgommii guluffii fardaa biyyaarra darbee kan addunyaa akka ta’uuf carraa guddaadha daraan irratti hojjechuus barbaachisa. Kanaafis qooda fudhattoonni kallattiin dhimmi ilaallatu cichoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisan pirezidaanti Shimallis. Gulanas dorgommiin fiigichaafi bishkiliitii naannawaa Iikoo turizimii kanaatti akka gaggeeffamu yaadachiisaniiru. Kunis naannicha daraan hawwataa taasisuufi beeksisuuf gumaacha olaanaa akka qabu dubbataniiru. Misooma eegalamerras wanti duubatti deebisu hin jiru kan eegalamanis ta’e karoorfaman fiixaan baasuun hawwii misoomaa uummataa guutuuf akka hojjetamu himaniiru. Taaddalaa Iddoosaatiin Odeeffannoon wayitaawaa bakka jirtanitti akka isin qaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa argachuu yoo feetan: Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa?sub_confirmat... Feesbuukii OBN Afaan Oromoo: / obnafaanoromo Feesbuukii OBN Horn of Africa : / obnhornofafrica Feesbuukii OBN Afaan Amaaraa:- / obnamharic Feesbuukii OBN Afaan Ingilizii:- / obnenglish Tiktok : / obncyber Tiwiiterii: / obnoromiyaa Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/ Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa. OBN Sagalee Uummataa