У нас вы можете посмотреть бесплатно Mirriysi gosa sirba aadaa Oromoo или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Mirriysi gosa sirba aadaa Oromoo godinaalee Harargee Bahaafi Lixaatti baay’ee beekamuufi jaalatamudha. Keessattu gosoota Oromoo Ittuufi Arfan Qalloo biratti daran kan jaalatamu akkasumas dhimma kan itti bahamudha. Mirriysin yaada bal’aafi bilchaataa kan of keessaa qabu, karaa hawaasinni aadaa, safuu, duudhaa, heeraafi seera akkasuma jiruufi jireenya siyaas-dinagdee isaa ittiin calaqisiifatudha. Mirriysin seerafi adeemsa ittiin beekamu hedduu qaba. Mirrigaan sirba namni tokko qofaan mirriysu miti. Gosa sirbaa gamtaan raawwatamu ta'us abbumti fedhe akka fedha ofiitti ka‟ee mirriysuus hin danda‟u. Akka sirboota biroo bakka hundaatti akkum fedhetti nama hundaan kan sirbamu ta'uu baatus Mirriysi hirmaattota barbaada. Adeemsa Mirriygaa irratti namni hunduu hirmaachuu ni danda'a. Ta'us mirriysa baasuu(Mirriyguu) hundii hin danda'u jechuun ni danda'ama. Yeroo baay'ee Mirriysa kan mirriysan hayyootafi namoota dandeetti waantoota adda baasanii sirritti hubachuu danda'anidha. Ijoolleen mirriysa gosti irratti wal gahe kan heeraaffarratti mirriysuun dhoorkadha. Kanaaf bakka kanatti ijoolleen mirriysa irratti qooda kan fudhatan bifa mirrigaa mirriyguun osoo hin taane, daawwataa ta‟uun mirriysarratti qooda ni fudhatu. Ta'us garuu ijoolleen mirriysa yeroo guuzaa,cidhaafi kanneen birooratti Miriyisuu ni danda'u. Mirriysaan Yeroo baay'ee manaafi gaaddisa mukaa jalatti, bakka namoonni gurguddoon, manguddoonniifi hayyoonni walgahanitti mirriyfama. Yeroo mirrigaan jalqabamu hayyuun ykn manguddoon mirriysu tuta keessa ka'ee Alangaa qabatee walaloo mirriysaa beekamaa bo'oo lama qabuu ''Dhagayi Dhageeffadhu Guurii gurraa fudhadhu'' jedhuun mirriysuu jalqaba. Mirriysa yeroo tokkotti namuma tokkotu mirriysa. Dabaree dabareen wal irraa fuudhanii mirriysu. Kanneen dhaggeeffatan immoo hayyee jedhu. Hayyee jechuun haa ta'u jechuudha. Warri kaan immoo ni iliilchuu. Tutinnii miryisaa ta'ee dhaggeeffatu Hayyuum ykn manguddoon miirriysa mirriysu yoo mirrigaan inni mirriysu baay'ee isaan gammachiise Buli buli buli , Kormoomii, irra aanii kkf jechuun onnachiisa. Adeemsaa ykn seeraa Mirriysaa keessaa inni biroon immoo nama itti miriysan adda baafachuudha. Akka duudhaa kanaatti gosti tokko walitti hin mirriysu. Kunis kan ta'eef Mirriysa keessaa wal qeequu, ciigoodhaan wal tutuquun waan jiruufi. Mirriysa meeshaalee aadaa qabatanii mirrisaan hedduu qaba. Meeshaaleen kun bakka mirrigaan itti mirrigamutti aadda bahuu danda'a. Fakkeenyaa mirrigaa seeraafi heeraa irratti meeshaan qabatamu Alangaadha. Mirriga mana guuzaa, bakka cidhaafi kanneen biroo irratti meeshaalee aadaa akka Gaachanaa, Mancaa, Gilleefaa ni godhatama. Mirriysinni qabiyyee isaan yoo ilaalamuu waantoota hedduu of keessaa qaba. Heeraafi seeraa, Gootummaa, faaruu gosaafi lammii, Miidhaummaa,Roorroo diduufi qeeqaa of keessaa qaba. Harargeetti Oromoon mirrigaan wal gorsa. Kanaaf qabiyyeen mirrigaa gorsa of keessaa qaba. Goota leellisuun, lugna qeequun Oromoo keessatti waan beekkamaadha. Qabiyyee Mirriysa keessaatti goota Faarsuufi Luginnaa qeequun baay'ee beekamadha. Kanaaf immoo Mirrigaawwaan kunneen akka fakkeenyaatti eeruu ni dandeenya. Qabiyyee mirrigaa keessaa inni biroon Faaruu haadhaa, Abbaafi haadharraati. Keessattu mirrigaadhaan dubartii faarsuun beekamadha. Dubartii bifaan, gootummaan, ciminaanfi miidhaginaan faarsu. Akkasuma boosaa qeequun mirriga keessa jira.