У нас вы можете посмотреть бесплатно SAFUUF SEERA SAFUU или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Safuun ummanni Oromoo aadaadhaan qabuu fi seeraa fi heerri sirna jaarmiyummaa dhaaba Oromoo wal tumsu malee wal hin faallessani. Safuu fi sirni jaarmayaa Oromoo wal utubu malee wal hin diigani. Kana irraa kaúun egaa, namas tahee murni safuuf quuqamu tokko seeraa fi heera siyaasaa dhaaba isaaf ni amanama malee hin ganu. Safuu beekuun badii fi yakkoota akkasii kana mara irraa nama oolcha. Safuun hariiroo uumaa fi uumama jidduutti gochoota ta'uu qabaniifi kan ta'uu hin qabne seera adda baasuudha. Safuun,kanneen akka quxisuufi hangafa, ilmaani fi warra, ofiifi nama biraa jidduu kabajni jiraachuu itti ibsamudha. Safuun,yeroo akka cidhaa,Gadaa,ayyaana, lola, nyaataa fi gochoota biroo keessatti seera itti raawwatanidha. Oromo biratti, safuun kan Waaqaati. Namni safuu cabse: dhukkubsachuun, maraachuun,maseenuun, nagaa dhabuun isa mudata jedhamee amanama. Oromoon wanta qaanii yoo arge ykn waan Waaqni qofti akka beekutti ilaallamu l gaafa gaafatame, "Safuu!" jedha. Waaqeffannaan akka amanutti, safuun kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti.Waaqni uumama yeroo uume, Safuus wajjiin uume. Dhalli namaas Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale; ittiin buluun duubattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee wal ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. Safuun namoota gidduuttis bifoota garagaraatiin ni'ibsama, nihubatamas. Safuun, jechaan, gochaa ykn meeshaaleetiin walqabsiifamee ibsamuu dandaha.Kunis, akkuma keeyyata lammaffaa oliinii keessaatti jechaan, sochii durba heerumuuf geesse irraa eeggaman keessattiifi uleen Siinqee Haadha Siinqeen alatti qabatmuu dhabuun kabajaan walqabatee, durduubessaan(respectively) akka fakkeenyaatti ilaalamuu kan dandahudha. Qorannoo gochaatiinis ta'e qorannoo bal'aatiin, Safuun fakkeenyota babal'inaan gabbatee ibsamuu ni dandaha. Maqaa kabajaa Maqaa kabajaa Jimmaa Safuu Oromoo keessaa tokko maqaa kabajaan nama waamuudha. Maqaa Kabajaan hawaasa Oromoo garagaraa biratti haala adda addaan kennama. Baayyinaan ummata Oromoo Shawaa biratti, namoota ilmoo hinqabne yeroo baay’ee maqaa farda inni yeroo heddu yaabbatuun waamu.Akkasuma, gaafa cidhaa,ganama misirroodhaaf, maqaa kabajaa kennuun ummata Oromoo Jjimmaa biratti baayyinaan beekkamaadha. Gaafa ilmoo horan, maqaa ilmoo irratti hundaa'un maqaan kabajaa haadha fi abbaaf kennama. Gaafa nama guddaa waaman, nama hiriyyaa abbaa sii ta'un adeeroo nama hiriyyaa haadhaa sii ta'un haboo ykn immoo isin jedhu. Akkasumas,Safuun, maqaa waamuu dhabuudhaan/diduudhaan ibsamuu dandaha. Fknf.haati haadha warraa maqaa abbaa warraa hintala ishii kallattiidhaan waamuu dhabuun Safeeffannaan jiraachuu agarsiisuu dandaha. Kunis,abbaan warraa mucaa argatee, maqaan moggaafameefii, maqicha mogaafameetti,"Abbaa ..." jedhamee hamma waamamu dandahutti jechuudha.