У нас вы можете посмотреть бесплатно Lagasaa Abdii oromo music или скачать в максимальном доступном качестве, видео которое было загружено на ютуб. Для загрузки выберите вариант из формы ниже:
Если кнопки скачивания не
загрузились
НАЖМИТЕ ЗДЕСЬ или обновите страницу
Если возникают проблемы со скачиванием видео, пожалуйста напишите в поддержку по адресу внизу
страницы.
Спасибо за использование сервиса ClipSaver.ru
Artisti Leggasaa Abdii Shagar kabaa salaaleetti dhalate. Waggaa 50 dura, Artisti Wasanuu Didoo wajjin gara Finfinnetti dhufuun Afaan Oromootiin sirbu jalqabe. Yeroo Afaan Oromoo dubbachuun qaanii ta'etti! Birri 13n minda'e miseensa "kubur Zabanyaa" ta'ee waggaa torbaaf hojjate. Mana tiyaatira " Qadamaawii "HAYILA SILAASEE" keessa osoo hojjataa jiruu, leenjisaan muummee mana tiyaatirchaa "Gaallaa" jedhee arabsinaan, hojii jara lagatee(dhiisee) deemee, dhuunfaan hojjachuu itti fufe. Oromiyaa mara keessa naanna'uun Masiinqoo isaa akka namaa dubbatu wajjiin Oromoota gammachiise. Artistiin jalatamaan kun sirboota isaa akka damma mi'ayaniin nama gammachisuu caala, qaanii fi salfii tokko malee eenyumaa isaatiin boone. Wayita dhiibban guddaan Afaan Oromoo irratti godhamu sana Oromummaa isatti cicheee dhaloota itti aanuuf fakkenya gaarii ta'e. Hojiin isaais bara baraan akka yaadatamu godhe. Artisti Xilahuun Gasasaaf walaloo fi yadaloo Oromoo qopheessuun gahe guddaa taphate. Fkf Away galaa saamunaa kan jedhu. Waggoota 50 oliif masaanqoo isaa wajjin waltajjii muuziqaa raasaa kan ture artisti Laggasaa Abdii waggoota 5 oliif heddu dhukubsatee kunoo manatti hafeera. Halli fayyaa isaa ammoo heddu sodaachisaa ta'eera. Dhibeen isaa dhibee 'nerve' ti. Kanaaf biyya kanatti yaaluu hindandeenyu. Biyya alaa malee jedhan Doktoroonni, jedha ilmi isaa Habtaamuu Laggasaa Abdii. Abbaan koo yaalii( waldhaansa)gaarii hin arganne. Kanuma ganda keessa malee. Kaaseetti isaa gurgurree mahaalaqa argachuuf yaaliin goone hin milkoofne. Umurii isaa guutuu tajaajila guddaa kennus amma yeroo dhukkubsate gargarsa dhabee rakkataa jiraa jedha Habtaamuun. Kaleessa artisti Almaaz Tafarraa gargarsaa dhabdee boqotte. Taddasaa Cuqqees Akkasuma. Artisti Haloo Daawwee illee haala gaddisiisaa keessa jirti. Artisti Laggasaa Abdii osoo lubbuun jiruu gargaaruu dirqama ilmaan Oromooti. Eyyee Artistiin seenaa boonsaa qabu kun dafee waldhaansa akka argatu gochuun gahe Oromootaati. Kanaaf amma dandeenyuun Artisti keenya Jalataamaa fi matiisaa cinaa haa dhaabbanu, Haagargaarru!